Jilli pirezidaantii itti aanaa mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Arsii Aanaa Lemmuu fi Bilbiloottii Pirojektii bishaan dhugaatii Maraaroo Sirboo eebbise.

Engineering Corporation of Oromia > Posts > Jilli pirezidaantii itti aanaa mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Godina Arsii Aanaa Lemmuu fi Bilbiloottii Pirojektii bishaan dhugaatii Maraaroo Sirboo eebbise.

August 14, 2023 / By Admin

Ijaarsi pirojektii kanaa sababa addaa addaan yeroo dheeraaf turun madda rakkoo bulchiinsa gaarii ta’aa kan ture yoo ta’u bara kana xiyyeeffannoo MNO pirojektii buleeyyiif kenneen dizaayinii isaa foyyeessuun ijaarsi isaa xumuramee guyyaa har’aa ebbifamee jira.

Pirojektiin kun Boolla gadi fagoo 3, Kuusaa bishaanii 4, Booster Pump stations 3, Pumpii 6,Standbye Generators 4, Transformer 6,Boonoo Bishaanii 21,sarara ujummoo bishaanii 61 km, Waajjira tokko fi ijaarsa tajaajila addaa addaaf olan kan of keessaa qabuu yoo ta’uu guyyaatti hanga bishaan metir cuubii kuma lamaa fi dhibba Shan (2,500m3/day) kennuun ummata kuma 30 oliif waggoottan kudha shanan dhufaniif tajaajila guutuu Kennuu danda’a.

Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa abbaa pirojektii kanaa yoo ta’u Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaa qorannoo fi dizaayinii isaa foyyeessuun hordoffii fi hojii suparvizinii gaggeessaa yoo turu Dhaabbata ijaarsaa AKA Construction plc jedhamuun hojjatanaa ture.

Ebba pirojektii kanaa irratti akka Naannoo Oromiyaatti Yeroo ammaa pirojektootaa ECO hordofaa ture keessaa Karoora eebba Pirojektii Bishaan Dhugaatii Marsaa 2ffaa keessatti pirojektoonni yeroo ammaa xumuramanii ebbaaf qophii irra jiran Godina Harargee Lixaatti pirojektii Bishaan dhugaatii magaalaa Bordode, Godina Arsii Lixaatti pirojektii Bishaan dhugaatii magaalaa Nagallee Arsii, Godina Arsiitti pirojektii bishaan dhugaatii Loodee Arfattuu, Godina Baalee Bahaatti pirojektii Bishaan Bororee, Godina Gujii Lixaatti pirojektii Bishaan dhugaatii magaalaa Malkaa Sodaa, Godina Booranaatti pirojektii bishaan dhugaatii magaalaa Waacilee yoo ta’an pirojektii bishaan dhugaatii magaalaa Asallaa marsaa kana keessatti ebbisiisuuf hojiiwwan xixiqaa (finishing works) hafan xumuruuf humna guutuun hojiatamaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

X