Pirojeektii Bishaan Dhugaatii Magaala Bordoddee Eebbifamee Jira.

Engineering Corporation of Oromia > Posts > Pirojeektii Bishaan Dhugaatii Magaala Bordoddee Eebbifamee Jira.

September 5, 2023 / By Admin

KIO: Jilli Sadarkaa Ittaanaa pirezidaantii mootummaa Naannoo Oromiyaai,Qindeessaa Kilaastera Qonnaa kabajamoo Obbo Abduraman Abdallaatiin durfamu Godina Harargee Lixaatti Pirojektii Bishaan Dhugaatii Magaala Bordoddee eebbisiise..
Ijaarsi pirojektii kanaa xiyyeeffannoo MNO pirojektii buleeyyiif kenneen Korporeeshiinii Injiinariingii Oromiyaa dizaayinii isaa foyyeessuun ijaarsi isaa xumuramee guyyaa har’aa ebbifamee jira.
Pirojektiin Bishaan dhugaatii magaalaa Bordodee Boolla gadi fagoo 2, Kuusaa bishaanii 2( 400m3 fi 50m3) , “Booster Pump stations” 1, Pumpii Boolla keessa 2 fi “Surface pump” 2,Standbye Generators 3, ,sarara ujummoo bishaanii 26.5km, Waajjira Tajaajila Bishaanii (Administration office) tokko ,Boonoo umatnii itti tajaajilamu 20 fi ijaarsa tajaajila addaa addaaf olan kan of keessaa qabuu yoo ta’uu guyyaatti hanga bishaan metir cuubii kuma lamaa fi dhibba Shan sagaltami lama (2,592m3/day) kennuun ummata kuma 28 oliif waggoottan kudha shanan dhufaniif tajaajila guutuu Kennuu danda’a.


-Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa abbaa pirojektii kanaa yoo ta’u Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaa(ECO) qorannoo fi dizaayinii isaa foyyeessuun hordoffii fi hojii suparvizinii gaggeessaa yoo turu Dhaabbata ijaarsaa Korporatishiin Ijaarsa Oromia (KIO) Konistrakshiniin isaa sadarka ol-aanaa fi qul’qullinnaa isaa eegee hojjatamaa ture jira.

Ebba pirojektii kanaa irratti akka Naannoo Oromiyaatti Yeroo ammaa pirojektootaa ECO hordofaa ture keessaa Karoora eebba Pirojektii Bishaan Dhugaatii Marsaa 2ffaa keessatti pirojektoonni yeroo ammaa xumuramanii ebbaaf qophii irra jiran Godina Harargee Lixaatti pirojektii Bishaan dhugaatii magaalaa Bordode, Godina Arsii Lixaatti pirojektii Bishaan dhugaatii magaalaa Nagallee Arsii, Godina Baalee Bahaatti pirojektii Bishaan Bororee, Godina Gujii Lixaatti pirojektii Bishaan dhugaatii magaalaa Malkaa Sodaa, Godina Booranaatti pirojektii bishaan dhugaatii magaalaa Waacilee yoo ta’an pirojektii bishaan dhugaatii magaalaa Asallaa marsaa kana keessatti ebbisiisuuf hojiiwwan xixiqaa (finishing works) hafan xumuruuf humna guutuun hojiatamaa jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

X