Pirojektiin Ijaarsa Mana barumsaa Ifa Boruu sadarkaa lammaffaa Naannoo Affaar Magaalaa Samaraatti ijaarame eebbifame.

Engineering Corporation of Oromia > Posts > Pirojektiin Ijaarsa Mana barumsaa Ifa Boruu sadarkaa lammaffaa Naannoo Affaar Magaalaa Samaraatti ijaarame eebbifame.

September 5, 2023 / By Segni

KIO: Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi P/M/N/Affaar Obbo Hajii Awwal Arbaa, Itti gaafatamaa waajjira Paartii  Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Hogganaa Biiroo Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaa Komishinar Jeneraalaa Kaffaaloo Tafarraa dabalatee, hoggansi olaanoon Naannoolee lamanuu, Jaarsolii biyyaa fi keessummoonni garaagaraa bakka argamanitti eebbi kun gaggeeffame jira.

Pirojektiin kun, Hariiroo Obbolummaa naannoolee lamaani cimsuuf Baajata mootummaa naannoo Oromiyaa Qarshii Miiliyoona 100’n qulqullinaafi yeroo taa’eef keessatti ijaaramee xumuramee guyyaa har’aa eebbifamee jira.

Manni barumsaa ijaarame kunis bilookii 18 kan qabu yoota’u Daree barnootaa, Mana kitaabaa, workshooppii fi Biiroo Bulchiinsaa kan of keessaa qabu ta’ee barattoota 720 hanga 900’tti keessummeessu kan danda’udha.

Tajaajila gorsaa ECO’n hojii pirojektii kana qulqullinaa fi yeroo waliigaltee keessatti akka xumuramu taasiseefis Abbaan pirojektii waraqaa ragaa fi beekamtii adda addaa kennun galateeffatee jira.

ECO’n Naannoo tokko qofa irratti osoo hindaangeffamiin naannoolee ollaa garaagaraa keessatti pirojektii dhalootaf ta’an hedduu hojjechuun Korporeeshiinii uummataa ta’uusaa argisiisaa jira.

–  Abbaa pirojektii:- Biiroo Haqaa fi Nageenyaa Oromiyaa
– Gorsaa:- Korporeeshiinii Injinariingii Oromiyaa
– Kontiraaktera:- Waldaa Aksiyoona ijaarsaa OBM

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

X